Himatamtoonni uffata seeraa Poolisii Federaalaa uffachuun meeshaa waraanaan saamicha raawwaatan adabaman

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Himatamtoonni uffata seeraa Poolisii Federaalaa uffachuun meeshaa waraanaa fayyadamuun saamicha qabeenya Birrii Kuma 395 raawwatan adabbii cimaa waggaa 13 -14 adabaman.

Abbaa Alangaa Waliigalaatti Daayreektoreetiin Damee dhimmoota yakka adda addaa himatamtoota uffata seeraa Poolisii Federaalaa uffachuun meeshaa waraanaa fayyadamuun qabeenya Birrii kuma 395 baasu saamanirratti himata baneera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii 1ffaa Lidataa Dhaddachi yakka ajjeechaa cimaa oolmaa Eebla 5,2015 ooleen himatamtootarratti murtoo balleessummaa dabarseera.

Haaluma kanaan himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa adabbii cimaa waggaa 14 yoo adabu, himatamtoota 3ffaa fi 4ffaa ammoo adabbii cimaa waggaa 13 adabeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment