Himatamaan ragaa barnootaa sobaa qopheesse hidhaan akka adabamuu murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 23, 2016 (FBC)- Hojjetaan Koolleejjii Poolii Teekinikaa Shaambuu ture yakka ragaa barnootaa sobaa qopheessuun himatame hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii shaniin akka adabamu Dhaddachi Manni Murtii Olaanaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa murteesse.

Himatamaan Sooressaa Afataa Amajjii 17, 2015 Koolleejjii Poolii Teekinikaa Shaambuu keessatti wayita Qondalaa Galmee Barattootaa ta’uun hojjechaa turetti mallattoo hoggantootaa dhaabbatichaan kan qopha’ee fakkeessuun, ragaalee barnootaa sobaa fi warqaa ragaa mirkaneessaa ogummaa namootaa 34’f qopheessee argamuun eerameera.

Haaluma kanaan himatamaa irratti hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii shanii akkasumas mallaaqaan birrii kuma 1’n akka adabamu itti murteesseera.

Taarik Addunyaatu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment