Himatamaan matta’aa Birrii miiliyoona walakkaa fudhatee hidha umrii guutuun adabame

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Namni dhuunfaa Ministeera Galiiwwaniitti ogeessaa Odiitii ta’uun tajaajilaa ture matta’aa Birrii miiliyoona 1.5 fudhachuuf walii galee Birrii miiliyoona walakkaa harkaa fi harkatti fudhatee to’annaa jala ooluun hidha umrii guutuu fi maallaqaan akka adabamuu Ministeerri Haqaa ibseera.

Namni dhuunfaa Malaakuu Shawaaraggaa jedhamu Ministeera Galiiwwanii damee Adaamaatti ogeessa odiitii ta’uun hojjetaa ture lakkoofsa herregaa Baankiidhaan Birriin miiliyoonni 1 akka galee fi kuma dhibba 5 ammoo kutaa magaalaa Boolee Hootela Kaappitaaliitti maallaqichaa osoo fudhataa jiru to’annaa jala ooluun murtichiirratti darbu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment