Himatamaan Haadha isaa umrii 78 ajjeese hidhaa cimaan itti murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Himatamaan Haadha isaa umrii 78 ajjeese hidhaa cimaan akka adabamu itti murtaa’uu Ministeerri Haqaa ibse.

Himatamaan Addis Asraat Yimar jedhamuu Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullalleetti haadha isaa umriin 78 waliin jiraachaa turuun ibsameera.

Himatamaan kunis Amajjii 16, 2015 halkan keessaa tilmaamaan naannawaa sa’aatii 11’tti haati isaa bakka taa’anii jiranii lafatti kufanii wayita argu harka isaan morma isaanii hudhuun lubbuun isaanii akka darbuu taasisuun eerameera.

Haaluma kanaan himatamaan hidhaa cimaa waggaa 10’n akka adabamu itti murtaa’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment