Hiituun hadiida baaburaa seeraan ala hiikamee daddabarfamaa ture kumni 2 fi 500 ol to’atame

Finfinnee, Mudde 12, 2015 (FBC)- Hiituun hadiida baaburaa seeraan ala hiikamee daddabarfamaa ture kumni 2 fi 590 Naannoo Somaalee Aanaa Eraritti shakkamtoota waliin to’atamuun ibsame.
 
Hiituun hadiida baaburaa kun eeruu hawaasaan hordoffii Poolisi Federaalaa fi qaamolee nageenyaa naannichaan to’annoo jala oolfamuu Waldaan Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Ityoo Jibuutii beeksiseera.
 
Shakkamtootaa hirmaattotaa yakkichaa biroo to’anno jala oolchuuf tattaffiin taasifamaa jiraachuu ragaan waldicharraa argame ni mul’isa.
 
Hoji Gaggeessan Waldichaa Abdii Zannabaa, poolisiin federaalaa, qaamolee nageenyaa naannichaa fi hawaasaa waliin qindaa’uun bu’uuraalee misoomaa baaburaa eeguuf tattaaffii taasisaa jiran galateeffataniiru.
 
Adeemsa kanaan rakkoolee sarara daandichaarratti duraan mul’atan hir’achaa dhufuu fi qindoominaan hojjechuun bu’aa waan argamsiiseef cimee itti fufu akka qabus hubachiisaniru.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment