Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC)-Hidhi Haaromsaa Guddichaa Ityoophiya ganna dhufuu oomisha duraa akka eegaluu ibsameera.
Ministeerri Dhimma Alaa dhaabbilee amantaa adda fi waldaalee siiviik waliin hidha haaromsaa guddicharratti mari’ataniiru.
Marichaarratti ganna dhufuu oomisha duraa akka eegalu kan ibsame yoo ta’u, kanaaf kan ooluu saraarrii kiilo meetira 650 diriirfameera jedhameera.
Kanarra darbees hidhichi ganna dhufuu bishaan meetir kiyuubiik biiliyoona 13.5 akka qabatuu himameera.
Marichaarratti guutiinsii bishaanii marsaa lammaaffan yeroosaa eeggatee akka raawwatamuu ibsameera.
Yeroo amma kanaas ijaarsi hidhichaa %80 irraa kan ga’ee yoo ta’u, hojiin siiviil %91.8, elektiroo maakaanikaal %54.5akkasumas haaydirooliik Istiraakchaariin %55.2 qaqqabuu ibsameera.
Bisiraat Mallaseetu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.