Hidhi Maddisiisa Anniisaa Elektirikaa Kooyishaa haala rakkoo diinagdee uummattootaa furuu danda’uun ijaaramaa jiraachuun ibsame

Hidhi Maddisiisa Anniisaa Elektirikaa Kooyishaa haala rakkoo diinagdee uummattootaa furuu danda’uun ijaaramaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Hidhi Maddisiisa Anniisaa Elektirikaa Kooyishaa haala rakkoo diinagdee uummattoota naannawaa daangaa Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaafi Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa furuu danda’uun ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeefi hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon pirojektii Hidha Maddisiisa Anniisaa Elektirikaa Kooyishaa daawwataniiru.

Ijaarsi pirojektichaa %65 irra gahuu kan ibsame yoo ta’u, yeroo qabameefitti xumuruuf hirmaannaan taasifamaa jira jedhame.

Pirojektichi baasii Yuuroo biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 ijaaramaa kan jiru ta’uu ibsameera.

Pirojektuun kun haala rakkoo hawaasummaafi diinagdee uummattoota naannolee lameenii furuu danda’uun ijaaramaa jaraachuun eerameera.

Dabalataanis pirojektichi qabeenyi uumamaa naannawichaa haala eegameen kan hojjetamu ta’uufi hawwata tuurizimiif gahee olaanaa kan qabaatu ta’uu ibsamuu ragaan Qajeelcha Kominikeeshinii Godina Goofaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment