Hidhi Haaromsaa mallattoo waltumsaati -obbo Dammaqaa Makoonnan

Finfinnee, Hagayyaa 16, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa mallattoo waltumsaati jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.
 
Waltumsaan waa milkeessuu akka dandeenyu kan muul’isedhas jedhan obbo Dammaqaan.
 
Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa raawwii karoora bara 2012 fi kallattii karoora 2013 irratti mari’ateera.
 
Miseensonni mana marichaa bakka argamanitti ergaa kan dabarsan obbo Dammaqaan, ijaarsi hidhichaa sadarkaa guddaatti cee’aa jiraachuun hirmaannaan ummataa akka dabalu taasisa jedhan.
 
Bara 2012 ijaarsa hidhichaatif hojii galii walitti qabuu hojjetameen Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 44 walitti qabuun danda’amuun ibsameera.
 
Bara 2013 ammoo Birrii biiliyoona 1.4 sassaabuuf karoorfameera.
 
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan hojiin siiviilii hidhichaa %88.8, hojiin elektiroo meekaanikaalaa %46.5 qaqqabuu ibsan.
 
Hojiin koorrichaa %99 irra ga’uu eeranii, yuuniitiin dhaabbiin tarbaayinoota 9 fi 10 hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Bara 2013 hanga Bonaatti hidhicha meetira 595 ga’uuf ni hojjetama.
 
Tarbaayinoonni 11 dhaabamanii, Gannammoo bishaan kiyuubiik meetira biiliyoona 13.4 kan qabatu ta’uu eeraniiru.
 
Hanga ammaatti Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 21.8 kan ba’e yoo ta’u, ijaarsasaa xumuruuf waliigalaan Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 61 ta’a jedhan.
 
Maddi; Tajaajila Oduu Ityoophiyaa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment