“Hidhi haaromsaa guddichi proojektiiwwan carraa biyya keenyaa murteessan keessaa isa olaanaadha”- Obbo Jaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Hidhi haaromsaa guddichi  proojektiiwwan carraa misooma diinagdee biyya keenyaa murteessan keessaa isa olaanaa ta’uu Ittaanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.

Hidhichi anniisaa elektirikaa maddisiisuu eegaluun hirmaannaa uummataa daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Hidhichi guutumaa guutuutti tumuramee dandeettiisaa guutuun gara hojiitti wayita galu anniisaan maddisiisu indaastiriiwwan si’eessuun, lammiileen humna elektirikaa akka argatan taasisuun fi humna elektirikaa biyyoota biraatti gurguruun madda diinagdee ta’uu wayita eegalu faayidaa biyyaalessaa guddaa qabaachuu eeraniiru.

Fuudlduratti hidhichi projektiiwwan carraa misooma diinagdee Ityoophiyaa murteessan keessaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Fedhii humna elektirikaa dabalaa dhufe guutuuf ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaan walqabatee dhiibbaawwan garaagaraa Ityoophiyaarra ga’aa turuu fi dhiibbaawwan kanneen dandamachuun anniisaa maddisiisuu eegaluun Ityoophiyaanotaaf kabaja guddaa ta’uu ibsaniiru.

Hoggantoonni jijjiiramaa gara hojiitti erga galanii booda ijaarsa hidhichaaf uummanni magaalaa Finfinnee hirmaannaa taasisaa turuu fi  waggoottan lamaan darbanitti boondii Birrii biiliyoona 2 bituu eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa waggoottan jijjiiramaa kanneenitti sosochii uummataa taasisuun karoorfatee hojjechuu fi bu’aan isaa hanga karoorfameen ol galmaa’uu ibsaniiru.

Deeggarsi bulchiinsi magaalichaa hidha haaromsa guddichaaf taasisu cimee kan itti ta’uu eeraniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment