Hidhi haaromsaa guddichi fakkeenya tokkummaa keenyaati- obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa anniisaa maddisiisuu kan eegale hidhi haaromsaa guddichi fakkeenya tokkummaa keenyaati Muummeen Ministiraa FDRI duraanii  obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny.

Hidhi haaromsaa guddichi fakkeenya tokkummaa keenyaa ta’uusaatiin jibbiinsaa fi garaagarummaa keessaa baanee yeroo itti tokko taanudha jedhaniiru.

Obbo Hayilamaariyaam sirna labsuu anniisaa maddisiisuu hidha haaromsaa guddicharratti argamuun haasaa taasisaniin hidhichi Ityoophiyaanota tokko kan taasisu proojektii guddaa ta’uu kaasaniiru.

Walitti bu’iinsi Ityoophiyaanota kan hin fayyadne ta’uu fi dogoggora keenyarraa barachuun misoomaa fi guddina Ityoophiyaa mirkaneessuu qabna jedhan.

Anniisaa maddisiisuu hidha haaromsaa irra ga’uuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbamuu fi uummata Ityoophiyaa maraaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment