Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluun faayidaa istiraateejii olaanaa qaba- Ambaasaaddar Mallas Alam

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluun faayidaa istiraateejii olaanaa kan qabu ta’uu fi walitti hidhamiinsa human elektirikaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa kan cimsu ta’uu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa  Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.

Walga’iin Koree teekinikaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa gidduutti waliigaltee bittaa human elektirikaa hordofu keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti kan gaggeeffameera.

Hidhi haaromsaa Ityoophiyaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluun biyyoota olla fi addunyaa biroof faayidaa istiraateejii kan qabu ta’uu Ambaasaaddar Mallas Alam walga’icharratti eeraniiru.

Biyyoonni lamen gama hoggantootaanis ta’e uummataan hariiroo seena qabeessa kan qaban ta’uu ibsuun hariiroo baroota dheeraaf ture kana gara boqonnaa haaraatti ceesisuu kan dandeessisudha jedhan.

Hariiroon biyyoota lameenii cimee akka itti fufuuf Ityoophiyaan kutannoo qabaachuu kaasaniiru.

Karoora misoomaa uummattootaa milkeessuuf korechi proojektii waliigaltee bittaa human elektirikaa kana saffisaan akka dhugoomsuu fi hordofu waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment