Hidhi Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa balaa lolaarra kan ishee baraaru ta’uu Sudaan ibsite

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC)- Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa guutumma guutuutti wayita xumurame Sudaan balaa lolaarra kan ishee baraaru ta’uu Ministirri Ministeera Jalliisi biyyattii Yaasiir Abbaas kaleessa Kaartummitti ibsa laataniin beeksisaniiru.

Ijaarsi hidhicha balaa lolaa dhiyeenya Sudaaniitti qaqqabeef dhiibbaa kan hin qabne ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa, Sudaan fi Gibtsi guutinsaa fi raawwiisaarratti garagartee akka qaban ibsameera.

Balaan lolaa Sudaan yeroo ammaa kun waggoottan dhibbaa as isaa cimaa ta’uu eerameera.

Hawaasni idil addunyaa uummata biyyattii akka deeggaran ministichi waamicha dhiyeessaniiru.

Biyyattiitti balaa lolaa mudaateen lubbuu namoota 100 yoo darbu, manneen kuma 40 ol barbadaa’aniiru.

Sababa kanaan mootummaan biyyattii baatiwwan sadiif labsii yeroo ariifachisaa labsuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment