Hidhi Haaromsaa baatii Waxabajjii anniisaa maddisiisuu marsaa jalqabaa ni eegala – Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Hidhi Haaromsaa Guudichi ityoophiyaa baatii Waxabajjii anniisaa maddisiisuu marsaa jalqabaa akka eegalu Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa beeksisaniiru.

Dooktar Injiinar Silashiin qorattootaa fi barattootaa Yuunivarsiitii Yuunayitiid Kingidaam waliin bakka Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamanitti dame misoomaa anniisaan Ityoophiyaatti wantoota rawwataman ilaalchisuun muuxxannoo qaban qoodaniiru.

Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan hidha haaromsaa Ityoophiyaa madda anniisaa meegaa waatii kuma 5 fi 150 maddisiisuun, lammiileef humn elektirikaa dhiyeessuu akka danda’u ibsaniiru.

Kanaanis, baatii Waxabajjii madda anniisaa marsaa jalqabaa akka eegalu beeksisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment