Hidhawwan anniisaa timaan akka hinguutamne ittisuun yeroo dheeraaf akka tajaajilan hojjetamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Hidhawwan anniisaa maddisiisan timaan akka hinguutamne ittisuun yeroo dheeraaf akka tajaajilaniif hojiileen misooma sululaa fi Ashaaraa magariisaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii ibse.

Ministirri Ministeerichaa Injiinar Habtaamuu Ittafaan, misoomni sululaa fi magariisaa madaala uumamaa eeguutti dabalataan hidhawwan anniisaa timaan akka hinguutamne gahee olaanaa akka qabu dubbatan.

Kanaaf hidhawwan anniisaa maddisiisan akka timaan hinguutamne ittisuun yeroo dheeraa akka tajaajilaniif naannwaa hidhoonni argamanitti hojiin misooma sululaa fi ashaaraa magariisaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment