Hidhattoota duraanii kuma 371 fi 971 deebisanii dandamachiisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Amb.Tashoomaa Togaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Hidhattoota duraanii kuma 371 fi 971 deebisanii dandamachiisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan ibsan.
Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun waltajjii marii qophaa’erratti hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf hojiilee hojjetamaa jiraanirratti ibsa taasisaniiru.
Maricharrattis, Ambaasaaddaroonni biyyoota tumsitoota, hoggantoota olaanoo biyyootaa fi dhaabbilee michuuwwan Itiyoophiyaa akkasumas Ministir Deetaa Ministera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu, Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa fi Waamamaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.
Ambaasaaddar Tashoomaan, Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi naannolee dhimmichi ilaallatu waliin mariiwwan irra deddeebiin gaggeeffamaniin waliigalteerra kanneen ga’an hidhattoota duraanii kuma 371 fi 971 deebisanii dandamachiisuuf hojiileen gaggeeffamaa jiran xumuramuu ifoomsaniiru.
Hojiilee kanneenis boqonnaawwan afuriin xumuruuf sagantaa dandeessisu, pirojektootaa fi qabeenya barbaaduu akkasumas dhimmoota walqabatanirratti hojiin hidhanoo hiikkachiisuu kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment