Hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)- Hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu gahee isaanii akka bahatan Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa gaafate.

Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad hoggantoota Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, mootummaa fi ummanni nageenyaaf tasgabbii barbaadamu mirkaneessuuf qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban eerameera.

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hidhattootaa duraanii kuma 371 fi 971 akkasumas miidhamtootaa qaamaa fi dubartootaa qabatee hojiitti seenuuf pirojektii bocuun sochii taasisaa jiraachuun ibsameera.

Komishinarri Komishinichaa Tamasgeen Xilaahuun, hidhattoota kanneen hidhannoo hiikkachiisuun, leenjii xiinsammuu kennuu, deebisanii dandamachiisuu fi hojiin hawaasatti makuu, humna oomishaa kan dabalu ta’uu dubbatan.

Nageenyaa biyyattii keessa akka mirkanaa’uufis gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsan.

Hojicha milkaa’inaan raawwachuuf Ministeerri Raayyaa Ittisaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon hirmaannaa dammaqaa fi gumaacha akka taasisan kan eegamu ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Injiinar Ayishaa Mahaammad gama isaaniin, Ministeerri Raayyaa Ittisaa hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu himan.

Muuxannoo yeroo dheeraa kan qabanii fi humna namaa damicharratti bobba’e fayyadamuun nageenyaa fi misooma biyyaaf wayyu mirkaneessuuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu kaasuu Ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment