Hidhattoonni ABUT weerara naannolee Amaaraa fi Afaariitti bananiin jiraattootarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT weerara naannolee Amaaraa fi Afaariitti bananiin jiraattootarra miidhaan qaqqabuu ibsame.

Weerara humni shororkeessaa baneen jiraattoonni godina Walloo Kaabaa aanaa Raayyaa Qobboo qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun rakkoof saaxilamuu ibsaniiru.

Qabeenyi isaanii saamamuu fi namoonni hedduun ajjeeffamuu himaniru.

Gareen shororkeessaa ABUT iddoowwaan weerare kanatti namoota nagaa ajjeesaa, sirbama mirga namoomaa adda addaa raawwachuu jiraattoonni qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun magaalaa Marsaa qubatan dubbataniiru.

Bara darbes humni shororkeessaa kun qabeenya isaanii jalaa saamee turuu himuun, bara kanas haala wal fakkaatuun gochaa badii irra deebi’aa jiraachuu kaasaniiru.

Hidhattoonni ABUT loon isaanii jalaa fudhachuu, meeshaalee qonnaa fi oomisha isaanii jalaa barbaadeessuu ibsaniiru.

Mmanguddoota baqachuu hin dandeenye ajjeessuu dubbataniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment