Hidhannoowwan haleellaa kamuu daangaa qilleensaa Itiyoophiyaarraa ittisuuf dandeessisan hidhachuu itti fufna-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Hidhannoo loltummaa ammayyaa’aa haleellaa kamuu daangaa qilleensaa Itiyoophiyaarraa ittisuuf dandeessisan hidhachuu keenya itti fufna jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa jeettiiwwan waraanaa SU-30 fi xiyyaarota waraanaa nama maleessaa tarsiimawoo hidhachuun ibsameera.

Walharkaa fuudhinsaarratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, jeettiiwwan waraanaa SU-30 fi xiyyaarota waraanaa nam-maleessaa qabaachuun haleellaawwan biyyattiirratti aggaamaman fashaleessuuf murteessaa ta’uun ibsameera.

Xiyyaarota waraanaa fi nam-maleessaa qaama dhaloota 5ffaa ta’an hidhachuun hojiilee humna qilleensichaa ammayyeessuu keessa tokko jedhan.

Humni qilleensaa dandeettii loltummaa Afrikaa, gootummaa fi maqaa gaarii qabaachaa ture, haala yeroo ammaa gituun ammayyeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Sochiin Humna Qilleensaa ce’aa ijaaruuf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaaniin, humnichi humna nama baratee, hidhannoo fi bu’uuraalee loltummaan jabaachaa jiraachuu ibsan.

Dhaabbatichi jeettiiwwan waraanaa ammayyaa’oo qabaate qiyyaafannaa diinaa qilleensarraa fi lafarraa barbadeessuuf kan dandeessisu ta’uu ibsuun xiyyaaronni nam-maleeyyiinis argama diinaa kan hindhabne ta’uu eeraniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment