Hidhaan haaroomsaa fedhii bishaanii Gibts waliin walitti hin bu’u

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Hidhaan haaroomsaa fedhii bishaani Gibts waliin kan walitti hin buune ta’uu Chaayinaan ni hubatti jedhan Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan.
 
Chaayinaatti aanga’aa guutuun Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan, Chaayinaan akkuma mirga misoomaa ishee kabachiiftu, mirga misoomaa Ityoophiyaas kabachiisuuf socho’aa jiraachuu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif himaniiru.
 
Ijaarsi Hidha Haaroomsaa biyyoota yaa’a gadiirratti miidhaa tokkollee kan hin qaqqabsiifne ta’uu himaniiru.
Birmadummaa keenya itti fufsiisuuf proojaktii Hidha Haaroomsaa xumuruuf haala qabatamaa jiru Chaayinaa hubachiisaa jirra jedhan.
 
Beejingis garaagarummaan biyyoota sadanii giddugalummaa tokko malee karaa nagaan akka furamu yeroo garaagaraa ejjennoo ishee ifoomsaa jirti jedhan Ambaasaaddar Tashoomaan.
 
Hojii dippiiloomaasii hojjetamu cinaatti ijaarsi proojaktichaa aariitiin akka xumuramuuf hojiin maallaqa walitti qabuu gama Imbaasichaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Chaayinaan ejjennoo Ityoophiyaan qabeenya uumamni laattefitti fayyadamuu mirga guutuu qabdi jedhu qabachuu himaniiru.
 
Hiyyummaa keessaa ba’uuf dhiyeessiin humna murteessaa ta’uu Chaayinaan ni amanti jedhan.
Silaabbaat Maannaayeetu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment