Hidhaan Haaromsaa akkaataa waliigaltee Kaartumiin anniisaa maddisiisuu eegalu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Hidhaan Haaromsa Guddichi Anniisaa maddisiisuu kan eegale akkaataa waliigaltee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi Kaartumitti waliif mallatteessan eeguun ta’uu ibsameera.
Hidhichi anniisaa maddisiisuu eegaluuun hamma Bishaanii biyyoonni yaa’a gadii argatan ni hir’isa jechuun sodaan ture sirrii akka hin taane gochaan kan mirkaneesse ta’uu Gorsaan Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii obbo Faqii Ahimad Nagaash ibsaniiru.
Hidhichi Taarbaaniyoota 13 kan qabu yoo ta’u, guyyaa kaleessaa Tarbaayinni Yuuniitii 10ffaa jedhamu anniisaa maddisiisuu eegaleera.
Yaa ta’uutii biyyoonni yaa’a gadii Sudaanii fi Gibtsi Hidhaan Haaromsaa waliigaltee Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi bara Faranjootaa 2015 Sudaan Kaartumitti waliif mallatteessan kan cabse jechuun ibsa baasaniiru.
Ministeera Dhimma Alaa Sudaanitti bakka Bu’aan Hidha Haaromsaa Ambaasaaddar Oomaar Alfaruu fi Ministirri Alaa Gibtsi Saamii SHikuriin Hidhaan Haaromsaa waliigaltee Kaartum biyyoota sadanii cabsuun anniisaa maddisiisuu eegale jechuun ibsa laataniiru.
Ibsii fi himanni biyyoota kanneenii kan baratamee fi himannaa sobaa ta’uu Gorsaan Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii obbo Faqii Ahimad Nagaash dubbataniiru.
Waliigalteen mallattaa’e Ityoophiyaan Hidha Haaromsa Guddichaan anniisaa maddisiisuu hin dandeechu keeyyata jedhu hin qabu jedhan.
Akkaataa Waliigalticha keewwata 5 ‘biyyoonni sadan qajeelfama Guutiinsaa fi gadi lakkifama Bishaanirratti waliigaltee ni taasiisu jedhan.
Akkaataa qajeelfamichaan ijaarsi hidhichaa % 84 irra kan ga’e yoo ta’u, ammas itti fufa, Ijaarsa Hidhaa jechuun ammoo Bishaan Guutuu fi Gadi lakkisuu, akkasumas anniisaa maddisiisuu dabalata jedhan.
Obbo Faqii Ahimad, kaayyoon guddaan hidhichi akka bishaan qabatu taasiisuun anniisaa maddisiisuu waan ta’eef kanas eegalleerra jechuun ibsaniiru.
Haala kanaan hidhaan haaromsaa anniisaa maddisiisuu eegaluun qajeelfamni cabsees hin jiru. ummanni miidhuus kan hin jirre ta’uu dubbataniru.
Sudaanii fi Gibtsi Ijaarsi hidhichaa akka isaani hin miine ni beeku jedhan.
Harkifachuun hidhichaa ummata Ityoophiyaa biratti gaaffii uumus anniisaa maddisiisuu eegaluun isaa Ityoophiyaanootatti abdii fi hamilee horeera.
Furtuu hiyyummaa ta’uu hawaasa idil addunyaatti kan muul’ise ta’uu obbo Faqii Ahimad ibsaniiru.
Ijaarsa hidhichaa saffisaan xumuruun ummata dukkana keessa jiraatu fayyadamoo taasiisuun dhiibbaa hawaasni idil addunyaa Ityoophiyaarratti taasiisu hir’isuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment