Hidha Haaromsaarratti walga’iin teeknikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 29, 2012(FBC) – Hidha Haaromsaarratti walga’iin teeknikaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi har’a Muddee 29 fi booru Muddee 30,2012 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

Waltajjii teeknikaa kanaanis guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii Hidha Haaromsaarratti ni mari’atama.

Mariin marsaa 3ffaa ministiroota bishaanii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan kanaan dura Kaartuumitti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Marichaanis Gibts sanaan dura “Bishaan meetir kiyuubiin biiliyoonni 40 yaa gadhiifamu, bishaan Aswaam meetira 165tti gadi hin bu’in.” jechuun dhiyeessaa turte guutummaan jijjiirtetti.

Yaa’i bishaanii Abbayyaa uumamasaa eeggatee deemun mirga lagichaan fayyadamuu biyyoota yaa’a olaanu keessa jiranii sarbaanis Ityoophiyaan yaada dhiyeessaa turteetti.

Yaadrimee fi hiikkaa gogiinsaarratti mormii turerratti; Ityoophiyaan bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 35 gadi yoo bu’e gogiinsa jedhama yaada jedhu dhiyeessiteet turte.

Gibts gama isheetin meetir kiyuubii biiliyoona 40 gadi yaada jedhu dhiyeessiteetti.

Sanaan ala yeroo gogiinsaa bishaan ammamii gadi yaa lakkifamu, ol ka’iinsa hidhichaarraa ammam gadi siqee gadi yaa lakkifamu kan jedhurrattis walii hin galamne.

Walga’ii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu kanarratti waliigalteerra ni ga’amaan eegama; ta’uu baannan garuu keeyyanni 10 hojiirra oola jedhameera.

Ministirri bishaanii Gibtsis waliigalamuu yoo baate; keeyyata 10 irratti murtee fudhannurratti mootummaa waliin mari’annee ni murteessina jechuun isaanii ni yaadatama.

Mariin kana irratti Baankiin Addunyaa fi Ameerikaan taajjabdummaan hirmaachaa jiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment