Hidha Haaromsaa xumuruuf Birrii biiliyoona 60 barbaachisa jedhame

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa xumuruuf dabalataan Birrii biiliyoona 60 akka barbaachisu Hoji Gaggeessaan Pirojektichaa Injiinar Kifilee Horroo ibsan.

Manni Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Guddichaa yaa’ii idilee 14ffaa gaggeessaa jira.

Hoji Gaggeessaan Hidhichaa Injiinar Kifileen yaa’icharratti, raawwiin pirojektichaa %88 qaqqabuu fi guutummaatti xumuruuf dabalataan Birrii biiliyoona 60 akka barbaachisu himaniiru.

Yuunitoonni hidhichaa lama anniisaa maddisiisuu eegaluu fi guutiinsi bishaan marsaa 3ffaa hidhichaa hojiilee murteessoo bara 2014 hojjetaman ta’uu beeksisaniiru.

Hirmaannaa ummataa mul’ataa jiruuf manni marichaa gahee olaanaa akka qabu eeruun, hirmaannaan taasifamus cimuu akka qabu himaniiru.

Pirojekticha, Birrii biiliyoona 70’n ijaarsa isaa xumuruuf karoorfamus sababoota garaagaraatiin hanga Waxabajjii 2014’tti maallaqni hidhichaaf ba’e Birrii Biiliyoona 172 ga’uu eeran.

Guutummaatti Pirojekticha xumuruuf dabalataan Birrii biiliyoona 60 akka barbachisu ibsuun, hirmaannaan ummataas cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Bara 2014 qofa hidhichaaf deeggarsa hawaasarraa walitti qabame Birrii biiliyoona 1.2 ta’uu Itti Aantuun Daayrektaraa Manaa Maree Biyyaalessaa Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidhichaa Aadde Fiqirtee Taammiruu himuu EBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment