Hidha Haaromsaa waliin walqabatee ogeessota miidiyaa afaan Arabaan barreessan waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC)- Hidha Haaromsaa waliin walqabatee ogeessota miidiyaa afaan Arabaan barreessan waliin mariin gaggeeffame.

Dubbi Himaan Ministeera dhimma Alaa FDRI  fi Daayreekarri waliigalaa Paabilik Diippilomaasii guyyaa har’aa hidha haaromsaarratti ogeessota miidiyaa afaan Arabaan barreessaan waliin sochii waliigalaa fi xiyyeeffannoo gara fuula duraa irratti marii taasiseera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ijaarsa Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa waliin walqabatee sochii miidiyaa dinqisiifachuun ogeessota galateeffataniiru.

Ogeessoonni miidiyaa ejjannoo Ityoophiyaa ijaarasa Hidha Haaromsa waliin walqabatee qabdu ogeessoonni  afaan Arabaan addunyaa Arabaa beeksisuuf cimanii hojjechuu akka qaban Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment