Hidha Haaromsaa ilaalchisee wixinee sanada ogeeyyiin dhiyeessan Gibtsi hin fudhadhu jechuu ishee ibsame

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Hidha Haaromsaa ilaalchisee wixinee sanada ogeeyyiin dura taa’aan gamtaa Afrikaa moggaasan dhiyeesaan Ityoophiyaa fi Sudaan yoo fudhatan Gibtsi osoo hin fudhatan hafteerti.

Marii sadee hidha haaromsaa irratti har’a gaggeeffame ilaalchisee Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii ibsa laatera.

Ministiroonni dhimma alaa fi bishaanii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi guyyaa har’aa intarneetiin marii taasiisaniiru.

Waltajjichi gaggeessummaa Ministira hariiroo idila addunyaa Afrikaa Kibbaa fi mana maree hojii raawwachiiftuu gamtaa Afrikaan taa’amera.

Ministiroonni kunneen haala mariin sadee itti fufuu danda’aurratti marii taasiisaniiru.

Wixinee sanada ogeeyyiin dura taa’aan gamtaa Afrikaa moggaaseen dhiyeessanirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaan sanada ogeeyyiin kunneen wixineessan akka waan gaariitti fudhachuun marii yeroo itti aanu gaggeeffamu irratti akka galteetti fayyadamuuf fedhii qabaachuu ishee ibsiteerti.

Sudaan gama isheen adeemsa marichaaf sanadichi faayidaa akka qabuu fi sanadichi raggaasisuun marii itti aanu itti fufuu akka barbaaddu ibsiteerti.

Gibtsi sanadicha goonkuma kan hin fudhanne ta’uu beeksifteerti.

Haala guutinsaa fi bulchiinsa waggaa irratti mariin taasiifamu harki caaluu waliigalteerra yoo ga’amu, misooma bishaanii yaa’a laga abbayyaa gara fuula duraa hojjetamurratti garaagarummaan uumameera.

Hidhaan Haaromsaa madda anniisaa hamma bishaanii hin hir’ifne ta’uu isaan waliigalteen hidhicharratti taasiifamu haala yaada kana ilaalcha keessa galchee fi waliigalteen itti fayyadama yaa’aa guutuu ta’uu baannan Ityoophiyaan hin eeyyamtu jedha ibsi ministeerichi marii har’a gaggeeffame ilaalchisee baase.

Kana bu’ura godhachuun haala guutinsaa fi bulchiinsa hidhichaa ilaalchisee waliigaltee dambii walootti fayyadamuuf ejjennoo kan qabdu ta’uu ibsameera.

Bu’uruma kanaan filannoowwan waliigaltee Gibtsii fi Sudaaniif kan dhiyeessite yoo ta’u, deebiin qaamolee kanneenii qajeela akka ta’uu abdii qabaachuu ibsiteerti.

Mariin sadee kun dhimmoota irratti waliigalanii fi garaagarummaa jiru adda baasuun Amajjii 1, 2013 ni gaggeeffama jedhame.

Bu’aan marii Ministiroota jahanii ni dhiyaatas jedhameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment