Hidha Haaromsaa dhimma misoomaa qofa osoo hin taane, dhimma jireenyati

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Hidha Haaromsaa dhimma misoomaa qofa osoo hin taane, dhimma jireenyati jedhame.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet Ministeera Dhimma Alaa FDRItti miseensa jila Ityoophiyaa obbo Zarihuun Abbabaa Aabbaay dubbiseera.

Isaanis Hidhi Haaromsaa dhimma misoomaa qofa osoo hin taane dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jedhu.

Ityoophiyaan qabeenya bishaan lafarraa baay’ee qabdi.

Waggaatti bishaan meetir kiyuubii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 12 akka qabdus eeru.

Kana keessaa lagni Abbayyaa, Takkazee, Baaroo fi Akooboon %72 uwwisu.

Yaa’i sululoota naannolee 9 kanneen keessatti kan hammatamudha.

Jireenyi lammiilee miiliyoona 45 amma miiliyoona 50 ta’u kallattiidhanis yaata’u al kallattiidhan kanarraatti kan hundaa’edha jedhu obbo Zarihuun.

Yaa’i kunis ta’e, ijaarsi hidhichaa dhimma misoomaa qofa osoo hin taane dhimma lubbuun jiraachuti jedhu. Dhimma dukkana keessaa ba’uu yookin dukkanaan jiraachuu.

Lageen daangaa biyyootaa qaxxaamuran garuu ajandaa dhimma biyya tokkoo qofa osooo hin taane, ajandaa biyyoota lagichi keessa darbuutin kaasu.

Ityoophiyaadhafis hidhicha ijaartee misoomuu, fayyadamuu fi jireenya lammiilee geeddaruuf hojjechuun mirga akka ta’e eeru.

Yuunvarsiitii Finfinneetti barattuun digrii lammaffaa fi qorannoo laga Abbayyaarratti gaggeessite Maqdalaawiit Masaay ammoo mirga misoomutiin cinaatti, galmi misoomaa 17n Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii baase akka milkaa’u gumaacha qabaata jetti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment