Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) –Hidha Haaromsa Guddichaa Ityoophiyaa xumuruun hoggansaaf milkaa’ina; Uummataaf injifannoo ta’uu Daarektarri Waajjira Qindeessaa Mana Maree Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa Aadde Qonjiit Baqqalaan ibsan.
Waggaan 12ffaa guyyaa dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa itti kaa’ame kan kabajamu waggoottan shanan darban keessatti hoggansa sirrii kennameen yeroo hojiin Ijaarsa Hidhichaa kufaatii keessa ture keessaa baasuun waliigalaan %90 irra gahetti ta’uun isaa gammachuu dachaafi karoorsinee xumuruu akka dandeenyu kan nutti agarsiisedha jedhan.
Qaamonni garaa garaa dantaafi faayidaa isaanii giddugaleessa godhatanii hojjetaa turan ijaarsi pirojektichaa akka hin milkoofneef keessaafi alaa qindoomuun hojjechaa turuu eeraniiru.
Diinonni biyya keessaa qaamota alaaf meeshaa ta’uun ijaarsa hidhichaa danquuf hojjechaa kan turuu kaasaniiru.
Waajjirri Qindeessaa Mana Maree Hirmaannaa Uummaataa Ijaarsa Hidha Haromsaa Guddicha Ityoophiyaa Damee Oromiyaa hirmaannaa uummanni hanga ammaatti taasiseefi taasisaa jiruun ijaarsi Hidhichaa sadarkaa kanarra gahuu isaatiif gamachuu guddaa itti dhagaahamuu ibsaniiru.
Hojii ijaarsa pirojektichaa %10 hafe saboota, sab-lammootaafi uummattoota obbolaa waliin ta’uun xumursiisee addunyaatti agarsiisuuf of qopheessuu akka qabu dhaamaniiru.
Akkuma waliin taanee eegalle tokkummaan waliin dhaabbannee ni xumurra!
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.