Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarratti qooda miidiyaaleen qaban ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarratti qooda miidiyaaleen qaban ilaalchisee Magaalaa Finfinneetti mariin gaggeeffamaa jira.

Daayrektera Olaanaa Qindeessaa Mana Maree Hirmaannaa Uummataa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Dooktar Aragaawwii Barihee dabalatee hoggantoonni miidiyaalee, Gaazexeessitoonnii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu mari’acharratti argamaniiru.

Ijaarsi Piroojektichaa sadarkaa amma jirurra akka gahuu miidiyaaleen qooda olaanaa bahachuu Dooktar Aragaawwii Bariheen himaniiru.

Ijaarsi isaa xumuramee hanga guutummaatti hojii eegalutti miidiyaaleen qooda isaanii akka bahan gaafataniiru.

Miidiyaaleen Seenaa abbaayyaa, adeemsi ijaarsaa fi faayidaa inni Itiyoophiyaaf qabu ilaalchisee dhaloota dhufu dhaalchisuurratti hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hidhichi tarbaayinoota 13 qabu keessaa yeroo ammaa 2 hojii anniisaa maddisiisuu eegaluu himaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment