Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)- Hidha Alweeroo humna guutuun hojitti galchuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.
Dooktar Abrahaam Balayii fi Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Alamiituu Umod, Hidha Alweeroo daawwataniiru.
Naannoo Gaambeellaa Aanaa Aboobootti kan ijaarame Hidhi Alweeroo lafa hektaaraa kuma 10 misoomsuuf humna kan qabu ta’us, hanga barbaadame misoomsaa akka hinturre eerameera.
Akka biyyatti karoora damee qonnaa milkeessuuf filmaatawwan jallisii garaagaraa fayyadamuun humna guutuun misoomsuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Hidha Alweeroos humna guutuun gara hojiitti seensisuuf qorannoorratti bu’uureffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Naannichi lafa misooma qonnaa babal’aa akka qabu himuun, filmaatawwan jallisii bal’isuun waggaa guutuu oomishuun haala danda’amurratti qindoominaan kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.
Aadde Alamiituu Umod gama isaaniin, lafa qonnaa naannichaa fi qabeenya bishaanii jiru sirnaan misoomsuun hawaasaa fi abbootii qabeenyaa haala hirmaachiseen kan hojjetamu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naaannichaarraa argame ni mul’isa.
Hidha Alweeroo dabalatee hojiilee misooma jallisii naannichatti eegalamanii fi laggeen mijatoo qorannoon deeggaruun tajaajilaaf oolchuuf tattaaffiin kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia