Heera mootummaa cabsuun humni fedhiikoon guuta jedhu kamuu irratti tarkanfii fudhachuuf ni dirqamna- Jeneraal Birhaanu Julaa

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FBC)- Itti aanaan eetaamaajoor Jeneraal Birhaanu Juulaa, jijjiiramu Nootaa Birrii Ityoophiyaan walqabatee dadabarsa maallaqa seeraan alaa to’achuuf ciminaan hojjachaa jirra jedhan.

Kanaan dura hojiirraa olaa kan turee Sanada ijaarsa raayyaa warraaqsaan rayyaan ittisaa siyaasa irraa bilisaa akka hin taasifne yaadachiisan Jeneraal Birhaanun.

Rifoormiin haaraan “Sanada ijaarsa Raayyaa Warraaqsaa ”akka biyyaatti yeroo ammaa hojiirra olaa akka jiru himun, wayita ammaa rayyaan ittisaa gartuummaa siyaasa kamuu irraa bilisaa ta’uun, nageenya uummataa eegaa jira jedhan.

Filannoon biyyaaleessaa sababa Covid- 19n akka dheeratu taasifamee adeemsa heera mootummaa kan hordoofe jedhan Jeneraal Birhaanu.

Haa ta’u malee odeeffanno sobaa rayyaan ittisaa seeraan alaa maallaqa butanii akkaa fudhatan eyyamameeraf kan jedhama jirus akka jiru himun, rayyaan ittisaa duudhaa irratti ijaraman irra kan ka’e gocha akka kana akka raawwatan hin eyyamamuufis jedhaniiru.

Maallaqa seeraan alaa argame bakka tokkotti kufamuun caaseeffama ijaarsa nageenyaa biyyaaf akka itti fayyadamaniis ibsun bifa gurmaa’een beekaa maqaa Rayyaa ittisa biyyaa kan xureessan jiraachuus ibsaniiru jedhan.

Kanaan duraa rayyaa ittisaa keessaa waabeeffadheera jechuun barreffama dogoongoraa gara garaa maxxaansaa qamoleen jiraan ni erramu jedhan.

Yeroo ammaa kana Rayyaan ittisaa ergama qaban haalan raawwachuuf qophaa’adha jedhan Jeneraal Biraanuu Juulaa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
maddi:-TOI

Comments (0)
Add Comment