Hayyoonni Seenaa fi barreessitoonni ijaarsaa biyyaa fi waliigatee biyyaaleessaa keessatti dirqama irraa eegamu ba’uuf waldaalee isaanii irra deebiin hundeessan

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Hayyoonni Seenaa fi barreessitoonni ijaarsaa biyyaa fi waliigaltee biyyaalessaa uumurratti ga’ee irraa eegamu karaa ogummaa fi namuusa qabuun ba’uuf waldaalee isaani irra deebiin hundeessuuf walii galuu beeksisaniiru.

Hayyoonni seenaa fi barreessitoonni kunneen waltajjii marii guyyoota 4f magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa turan ilaalchisee ibsa laataniiru.

Waltajjicha Ministeerri Nageenyaa fi Yuunvarsiitii Finfinneetti Koollejjiin Saayinsii Hawaasaa waliin ta’uun kan qopheessaan yoo ta’u, qaama waltajjii marii biyyaalessaa hawaasarratti xiyyeeffateeti.

Hayyoonni Seenaa fi Barreessitoonni kunneen erga marii gaggeessanii booda ‘waliigaltee ogeeyyii seenaa Bishooftuu 2013’ jechuun waliigaltee waloo abbaa qabxii 4 baafachuun xumuraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment