Hayyoonni ragaa fi beekumsa irratti hundaa’uun egeree ummatichaaf akeekuu qabu jedhame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2016 (FBC)-Hayyoonni ragaa fi beekumsa irratti hundaa’ee egeree ummatichaa fi waan dhalootaaf darbuu danda’u akeekuu qabau jedhame.

Waltajjiin marii seenessa dogoggora dhugaa qabatamaan sirreessuurratti xiyyeeffate Galma Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi Qindoomina Institiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo fi Dhaabbiilee Barnoota Olaanoo kan qophaa’e yoo ta’u hayyooni igaragaraa hirmaachaa jiru.

Daayireektarri Olaanaa Institiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa hayyoonni ragaa fi beekumsa irratti hundaa’uun egeree ummataa fi waan dhalootaaf darbuu danda’u akeekuu danda’u jedhan.

Kanaan dura seenaa, aadaa, afaanii fi aartiin Oromoo namoota qaroominaa fi falaasama Oromoo hinbeekneen karaa guddummaa isaa agarsiisuun barreeffamaa akka hinturre ibsameera.

Seenessa dogoggoraa sirreessuuf Institiyuutiin Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo Dhaabbiilee Barnootaa Olaanoo waliin ta’uun hojjechaa jiraachuun eerameera.

Waltajjicharratti hayyoonni Dhaabbiilee Barnootaa Olaanoo qorannoowwan garaagaraa Dhiyeessuun kan mari’atamu ta’uu himameera.

Waltajjiin marichaa guyyoota lamaaf ni gaggeeffama jedhameera.

Leensaa Dirribaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment