Hidha Haaromsaarratti mariin beekumsarratti hundaa’e murteessaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012 (FBC) – Hidha Haaromsaarratti mariin beekumsarratti hundaa’e murteessaa ta’uun ibsame.
 
Waltajjii marii hayyootaa Hidha Haaromsaa fi laga Abayyaarratti taa’amerratti mariin beekumsa bu’uura taasifate barbaachisaadha jedhameera.
 
Waltajjicha kan qopheesse Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo yoo ta’u, marichi magaalaa Finfinnee Hoteela Skaay Laayititii taa’ameera.
 
Preezdaantonni yuunvarsiitotaa, abbootiin amantaa, bakka buutonni hawaasaa, waajjiraaleen ministeeraa fi dhaabbileen waamamoon hirmaachaa jiru.
 
Waltajjichi hubannaa uumuu, hirmaannaa ummataa beekumsarratti hundaa’e gabbisuu fi faayidaa biyyaa kabachiisuurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Hiiruut Waldamaariyaam akka ibsanitti, faayidaan waltajjichaa marii hubannaarratti hundaa’e gabbisuudha.
 
Qabeenya uumamaa keenya akka hin fayyadamne dhiibbaan nurratti taasifamaa tureera jedhanii, dhiibbaa amma taasifamaa jiru ammoo beekumsaa fi diippiloomaasiin bifa walabummaa biyyaa kabachiisen injifachuuf hojjechuu qabna jedhan.
 
Mariin laga Abbayyaa of jaalattummaan osoo hin taane, beekumsaan gaggeeffamuu qaba jedhan.
 
Ministir deettaan ministeerichaa Dooktar Saamu’eel Kifleen Hidha Haaromsaa fi laga Abbayyaarratti fayyadamtummaa mirkaneessuuf beekumsaan waltumsuudhan cee’uu qabna jedhan.
 
Proofeesar Baahiruu Zawdee fi Ambaasaaddar Ibraahiim Idriis hariiroo Ityoophiyaa fi Gibtsirratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.
 
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment