Hayitiitti Kirkira lafaa muudateen lubbuun namoota kuma 2tti hiiquu darbe  

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Hayitiitti Kirkira lafaa muudateen lubbuun namoota kuma 1 fi 941 darbuu ibsame.

Biyyattiitti Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 7.2 ta’e galmaa’uu ibsameera.

Namoota lubbuun darbaniin ala namoota kuma 10 ol irra miidhaan qaqqabuu himameera.

Namoonni hedduun as buuteen isaanii hin argamne jedhame.

Lubbuu baraartoonni lubbuu lammiilee baraaruuf hojjechaa jiranis  Roobni cimaan Roobe haala jiru rakkisaa taasiisuu ibsameera.

Yeroo ammaatti lammiileen Hayitii hedduun Nyaata, Uffataa fi mana jireenyaa malee Bishaan keessatti kan argaman ta’uu Yuuniiseef ibsaeera.

Daa’immaan biyyattii kuma dhibba 5nitti hiiqan deeggarsa tokko malee dirreerra jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment