Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) -Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu hojii muuxannoo gaarii qonnaan bultoonni Harargeen naannawaa Haroo Dandiitti hojjetan daawwateera.
Qonnaan bultoonni Harargee naannawaa Haroo Dandiitti hojii eegumsa biyyeefi bishaanii hojjechuun Qonnaan bultoota Aanaa Dandii naannawaa Haroo dandii jiraataniif muuxannoo qoodaniiru.
Itti fufiinsa Haroo Dandii mirkaneessuuf naannawaa Harichaarraa qabeenya uumamaa manca’e deebisuun dandamachiisuuf hojii eegumsa biyyeefi bishaanii ajaa’ibsiisaa ta’e qonnaan bultoota Harargeefi Aanaa Dandiitiin hojjetame cimee itti fufuu akka qabu fi Ganna immoo biqiltuu appilii, burtukaaniifi nyaata beeyladaa dhaabuun qonnaan bultoonni naannawaa harichaa fayyadamoo akka ta’aniif Biiroon Qonnaa Oromiyaa deeggersa kan taasisu ta’uu hogganaan biirichaaObbo Geetuun ibsuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.