Hawaasni Yuunvarsiitii Salaalee, Jimmaa, Bulee Horaa fi Meetiroopolitaa Kootobee haleellaa gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate balaalleeffatan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Hawaasni Yuunvarsiitii Salaalee, Jimmaa, Bulee Haroo fi Meetiroopolitaa Kootobee haleellaa gareen ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate balaalleeffatan.
 
Hawaasni Yuunivarsitti Salaalee dhimma haala yeroo irratti marii taasiisaniin Raayyaa Ittisa Biyyaaf tumsa barbaachisu hunda kan taasiisan ta’uu himanera.
 
Haleellaan gareen kun raawwate gantummaa fi gochaa biyya diiguuti jedhaniiru.
 
Hawaasni Yuunvarsiitii Jimmaas haleellaa gareen Finxaaleyyii ABUT Raayyaa Ittisa raawwate balaaleffataniiru.
 
Hawaasni Yuunvarsiitichaa marii haala yeroorratti gaggeessaniin garaagarummaa tokkomalee dhimmaa birmadummaa biyyaaf waan danda’an hundaan deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu himaniiru.
 
Tarkaanfii mootummaan olaantummaa seeraa kabaachisuu fi birmadummaa biyyaa tiksuuf fudhataa jiru kan deeggaran ta’uu eeraniiru.
 
Hawaasni Yuunvarsiitii Meetiroopolitaa Kootobees haleellaa gareen ABUT Raayyaa Ittisaa Biyyaa irratti raawwate balaaleeffataniiru.
 
Bulchiinsii fi hawaasni Yuunvaarsiitichaa haala yeroo ilaalchisuun marii gaggeeffaniiru.
 
Mootummaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf garee kanarratti fudhataa jiru cimsee itti fufuu qaba jedhan.
 
Oduma walfakkaatuun hawaasni Yuunvarsiitii Bulee Horaas haleellaa raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaarratti raawwatame balaaleeffataniiru.
 
Bulchiinsi Yuunvarsiitichaa birrii kuma dhibba 5, hojjattoonni yuunvarsiitichaa ammoo hanga gareen Juntaa seeratti dhihaatanitti itti fufiinsaan mindaa ji’aan argatanurraa % 10 gumaachaniiru.
 
Oduu biroon hoggantoonni olaanoon Yuunvarsiitii Kolleejii Poolisii Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa miidhaan irra qaqqabeef dhiiga arjoomaniiru.
 
Hoggantonnii fi Miseensonni Yuunvarsiitii Koollejii Poolisii Oromiyaa akkasumas miseensonni Poolisii Leenjii dippiloomaa fi sagantaa Maastarsii barchuudhaaf mooraa Yuunvarsiitii Kolleejichaa keessatti argaman sagantaa kanarratti hirmaataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment