Hawaasni wayita ayyaana Faasikaa fi Idaal Faxir kabaju balaa tasaarraa of eeggannoo taasisuu qaba-Komishinar Araarsaa

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan hawaasni wayita ayyaana Faasikaa fi Idaal Faxir kabaju balaa tasaarraa of eeggannoo taasisuu qaba jedhan.

Komishinarri Araarsaan ayyaana Faasikaa fi Idaal Faxir sababeeffachuu ergaa dabarsaniiru guutuu ergichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:-

Baga Ayyaana Faasikaa Amantaa kiristaanaa fi Ayyaana Amantaa Musliimaa Idal Faxir ramaadaan Waggaa 1443tin nagaan isin gahe.

Komishinarri Jeneraalaa  Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ergaa dabarsaniin hordoftoota amantaa kiristaanaa fi Musliimaa tsoomarra turaniin baga tsooma hiika geessan jechuun ergaa dabarsanii ayyaanni tsooma hiika ayyaana gaarii akka ta’uuf sabaaf sablammoota naannoo keenya keessatti argaman hundaan baga geessan jedhaniiru.Ayyaana kanaan wal qabatee                  1ffaa,Konkolaachistoota kallattii kamirraa konkolaachisaniin of eegannoo  naamusa konkolaachiisummaa  dhabuu,dhugaanii oofuu,ariitii barbaachisaa oliin  hoofu,waliif waliif dursa kennuu dhabuu akkasumas lafa deemtotaaf dursa kennuu dhabuun balaa qisaasa’uu lubbuu fi balaa qabeenyaa akka fidu beekamee of eggannoon barbaachisaan akka godhamu ergaa dabrsaniiru.

2ffaa,To’attoonni tiraafiikaas  jala  bultii ayyaanichaa ilaalchisee To’annoo cimsuun konkolaachisaa dhugee konkolaachisuu fi seera darbitoota too’achuun tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachaa hojii olaantummaa seera kabachiisuu cimanii hojjechuun balaa ga’u akka ittisan qajeelfama hojii dabarsaniiru.

3ffaa,Balaa tasaa yeroo ayyaanaa dhaqqaban  keessaa balaan ibiddaa  mana keessaa ka’u tokko waan ta’eef balaan kun akka ga’ee gaaga’ama qabeenyaa hin geessifneef hawaasni of eeggannoo barbaachisaa ta’e akka taasisu ergaa qaban dhaamaniiru.

4ffaa,Guyyaa jala bultii Ayyaanaa kana hawaasni naannoo keenyaa of eeggannoo cimaadhan gabaa isaanii godhachuu akka qabaniifi kiisii isaanitif of eeggannoo barbaachisaa ta’e gochuu akka qabuu fi hawaasni yeroo fuulli haara’an isa qunnamu hatattamaan qaamolee nageenyaa dhiyeenyatti argamutti eeruu kennuu akka qabus dhaamaniiru.

5ffaa,Qaala’iinsa gabaa irratti walta’iinsa qaamolee nageenyaa fi waajjira daldalaa waliin ta’un qindoominaan hojjechuun daldaltoota seeran alaa daballi gabaa taasisan irratti tarkaanfiin seera qabeessa ta’e akka irratti fudhatamuu fi hojiin gabaa tasgabeessuu cimee akka hojjetamu ergaa isaanii dabarsanii jiru.

6ffaa, Qophii Ayyaanaa kanaan  walqabsiisee  Diinni Uummata Oromoo shanee iddoowwan adda addaatti Ayyaanichi akka nagaadhaan hin kabajamne rakkoo nagaa booressuu akka hin raawwanneef qaamoleen nageenyaa bakka jiru hundatti qopha’aa ta’ee hojii nagaa kabachiisuu fi ayyaanni ummataa gurguddaan yeroo kabajamu qaamni nageenyaa boqonnaa tokko malee eegumsa cimsuun hawaasni nagaan akka ayyaana isaa ayyaaneffatuu fi diina nagaa uummata booressu cimee akka qolatu qajeelfama hojii dabarsaniiru.Itti Dabaluun Komishinar Araarsaa Mardaasaa yaada ibsaniin walta’iinsa qaamolee nageenyatin hojiin duula Shororkeessaa ABO shanee qulqulleessuu cimee kan itti fufe waan ta’eef nageenyi kan namaa kamiyyuu waan ta’eef hawaasni bal’aan naannoo keenya keessatti argamu hundi qaamolee nageenyaa tumsuun qaamolee nageenya cinaa akka hiriiru ergaa isaanii dabarsanii irra deebi’uudhan sabaaf sablammoota naannoo keenya keessatti argaman hundaa baga ayyaana faasikaa fi ayyaana musliimaa bara 2014 Idalfaxir waggaa 1443tin isin gahe jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment