Hawaasni vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannoo cimaa gochuu qabu – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Eebila 7,2012 (FBC) – Sochii Mootummaan Vaayrasii Koroonaa to’achuuf taasisaa jiru cinaatti hawaasni ofiin of eeguu akka qabu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo dhaaman.

Aadde Loomiin, miidhaa Vaayrasiin Koroonaa ummata irraan geessisuu danda’u sababeeffachuun, godina Shawaa Bahaatti maatii harka qalleeyyii aanaa Fantaallee magaalaa Matahaaraatti argamaniif deeggarsa daakuu, zaytaa fi makoroonii taasisanii jiru.

Duudhaa waldeeggaruu qabnutti fayyadamuun ummata keenya cinaa dhaabbachuu qabna kan jedhan Aadde Loomiin.

Wayita rakkoon akkasii mudatu hawaasni rakkoo nyaataaf akka hin saaxilamneef abbootiin qabeenyaas ta’e tola ooltonni adda addaa akkasumas, hawaasni walii walii isaatiin waldeeggaruu akka qabu dhaamaniiru.

Ummannis, Vaayrasiin kun miidhaa lubbuu namaa, rakkoo diinagdee fi hawaasummaa irraan geessisuu danda’u hubatee qajeelfamoota mootummaa fi gorsa ogeeyyii fayyaa irraa darbu hojiirra oolchuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiruu.

Caffeen Oromiyaas, seera yeroo rakkinaa kanatti ummata miidhaa ga’urraa baraaruuf ba’e sirnaan akka hojiirra ooluuf hordoffii fi to’annoo barbaachisaa kan taasisu ta’uu Aadde Loomiin ibsuu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Oduu biroon mootummaan naannoo Oromiyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hanga guyyaa kanatti mallaqaa fi meeshaaleen deeggarsi Birrii miiliyoona dhibba 4 ol argamuu isaa beeksiseera.

Lammiilee miiliyoona 33f wa’ee ittisaa fi to’annoo vaayrasii koroonaarratti hojiin hubannoo uumuu kennamuus himameera.

Akka OBN gabaasetti dargaggoonni kumni 3 fi 47 hojii tola ooltummaa irratti boba’ani argamu jedhame.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment