Hawaasni tumsa hidha haaroomsa guddichaaf taasisu cimsee itti fufuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Hawaasni ijaarsa hidhi guddiicha haaroomsaaf deeggarsa  taasisuu cimsee itti fufuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa hirmaannaa uummataa beeksisera.

Erga weerarri vaayrasii koroonaa biyya keenyatti muul’ate kaasee galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 90 ol walitti qabamuu ibsameera

Daayreektarri Koominiikeeshinii waajjirichaa obbo Hayluu Abrahaam, xumura hidhichaaf tattaffii taasifamuuf deeggarsi hawaasa yeroodha gara yerootti dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanafiis hirmaannan ergaa gabaabaa ‘8100 A’  fakkeenya kan jedhan obbo Hayiluun, gabaasni baatii Waxabajjii osoo itti hin dabalamiin hirmannaan ergaa gabaabaa ‘8100 A’,  Boondii fi keennaa irraa galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 68 ol walitti qabamuu ibsaniiru.

Manni marichaa sababa weerara vaayrasii koroonatiif akka kana duraa socho’uu akka hin dandeenyes eeraniiru.

Yaata’uu malee hawaasni ergaa gabaabaa ‘8100 A’  hirmaachuun, Boondii biituu fi keennaa laachuun hidhicha deeggara jiraachuu obbo Hayiluun dubbataniiru.

Yeroo itti anuufis gurgurtaan boondii fi ergaa gabaabaa ‘8100 A’  cimee akka itti fufuuf karoorri qabamuu dubbataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment