Finfinnee, Mudde 27, 2017 (FMC) – Hawaasni tibba Ayyaanaa nagaan bahee akka galu Tajaajilli Geejjibaa si’ataa fi ammayyaa teeknooloojiin deeggarame kennamaa jiraachuu Ejansiin Geejjiba Oromiyaa beeksise.
Buufataalee konkolaataa 230 ol keessatti sirni hordoffii teeknooloojii (E-tikkeettii) diriirfamee hanqinni dhiyeessii Geejjibaa fi alseerummaan akka hin mudanne to’annoon qindoomina qabu gaggeeffamaa jiraachuu himeera.
Bobbii to’annoo fi hordoffii teeknooloojiin deeggaramee itti quufinsa maamilaa mirkaneessuu danda’u kennuuf qophii gahaan taasifamee hojiitti galamuu Ejansii Geejjiba Oromiyaatti Daayrektarri Dhiyeessii fi Bobbii Geejjiba Ummataa Obbo Getaachoo Abbabaan Faanaa Diijitaal Miidiyaaf himaniiru.
Kuufama imaltootaa tibba ayyaanaa uumamu sababeeffachuun daballii gatii Taarifa seeraan alaa fi hanqina dhiyeessii mudachuu danda’u ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Getaachoon dubbataniiru.
Sochii Geejjibaa fi tajaajila kenniinsa Geejjibaa guutuu hojmaata badaarraa bilisa ta’e tajaajilamaaf kennuuf buufataalee konkolaataa keessaa fi dirreerratti to’annoo cimaan teeknooloojiin deeggame taasiifamaa jiraachuu himaniiru.
Qaamolee faayidaa hin malle argachuuf tajaajila geejjibaa danquu fi dhamaatii maamilaa uumuuf yaalanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu fi fudhatamaas jiraachuu eeraniiru.
Kuufama maamiltootaa fi yaa’insa kallattii tokkoo tibba Ayyaana uumamu hordofee gatiin taarifaa dabalamu kan hin jirre ta’uu himuun, tajaajilamaan waayita daballiin gatii taarifa seeraan alaa isaan mudate seera kabachiiftootaa fi caasaalee ejansichaa bobbiirra jiraniif eeruu akka laatan waamicha dhiyeessaniiru.
Maamiltoonni Kenninsa tajaajila geejjibaarratti komii yoo qabaatan bilbila bilisaa 8556 irratti bilbiluun eeruu akka kennan dhaamaniiru.
Hanqinni Boba’aa tibbana iddoolee tokko tokkotti mudachaa jiru kenniinsa Tajaajila Geejjibaarratti rakkoo akka hin uumne qooda fudhattoota waliin ta’uun furmaanni hatattamaa kennamaa jiraachuu kaasaniiru.
Jala bultii ayyaanaa fi barii ayyaanaa dhiyeessii gahaa ta’een hawaasaaf tajaajila Geejjibaa si’ataa fi walgitaa ta’e kennuuf hojjetamaa jira jedhan Obbo Getaachoo Abbabaan.
Dhiyeessiin Geejjibaa guutuu ta’e waan jiruuf hawaasni yaaddoo malee sochii isaanii akka taasisan ergaa dabarsaniiru.
Suuraan:- Kuusaa
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ethiopia