Hawaasni talaallii Vaayrasii Koroonaa akka fudhatuuf waamichi darbe

Finfinnee, Fulbaana 22, 2014 (FBC) – Hawaasni talaallii Vaayrasii Koroonaa fudhatee Ofii isaa fi maatii isaa du’arraa akka baraaruuf waamichi taasifame.

Tatamsa’inni vaayrasii kanaa torban muraasaa as akka biyyaattis ta’e akka magaalaa Finfinneetti daran babal’achaa kan jiru ta’uu fi hangi namoota du’anii dabalaa kan jiraachuu ta’uu ibsameera.

Hawaasni talaallii vaayrasii kana fudhachuun ofiisaa fi maatii isaa du’arraa akka baraaruuf Biiroon Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee waamicha dabarseera.

Talaalli vaayrasii kanaan walqabatee hubannaan uummata bira jiru doggoggora ta’uu ibsameera.

Uummanni talaallii kana akka fudhatuu fi faayidaa isaa akka hubatuuf sochiin hubannoo uumuu qindoomina Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa, Biiroon Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee,USAID, Baankii Daldala Ityoophiyaa fi qaamolee biroon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment