Hawaasni sochii qaamaa taasisuun fayyummaa isaa eeggachuuf deemsa miilaa fi biskileetaa akka amaleeffatu gaafate

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC)-Bulchiinsi magaalaa Dirre Dhawaa hawaasni sochii qaamaa taasisuun fayyummaa isaa eeggachuuf deemsa miilaafi biskileetaa amaleeffachuu akka qabu gaafateera.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaar hawaasni sochii qaamaa taasisuun fayyummaa isaa eeggachuuf deemsa miilaa fi biskileetaa amaleeffachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Torbee konkolaataarraa walabaa biskileetootaafi imaltootaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti eegalameerratti kan argaman Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Aadde Daagmaawwiit Mogees akka biyyaatti balaa tiraafikaa yeroodha yerootti dabalaa dhufee ittisuuf hubannoon hawaasni argatee hojitti hiiku iddoo guddaa qabaan sirnicharratti kaasaniiru.

Aadde Daagmaawwiit dabalataan sosochiin amaleeffannaa deemsa miilaa fi biskileetootaa akka guutuu biyyaatti cimaa jiraachuu kaasuun kunis fayyaa hawaasaaf shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Jawaar gama isaanitiin hawaasni fayyummaa qaama isaa eeggachuuf amaleeffannaa deemsa miilaafi biskileetaarratti hubannoo wal-fakkaataa akka qabaatuuf yeroodha yerootti xiyyeeffannoon akka hojjetan kaasaniiru.

Hawaasni fayyummaa qaama isaa eeggachuun amaleeffannaa deemsa miilaafi biskileetaa guddisuun balaa tiraafikkaa akka hir’isuuf bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti sosochiin hubannoo uumuu kan eegale yoo tahu akka magaalichaatti torbee torbeen Dilbata ganama sa’a 12 irraa hanga sa’atii 6 konkolaattoota tajaajila balaa tasaa kennaniifi kanneen daangaa ce’anirraa kan hafee daandiiwwan hundinuu imaltoota miilaa fi biskileetootaaf banaa ta’uun tajaajila akka kennan irratti waliigalamuu ragaan Ministeera Geejjibaafi Loojistikiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment