Hawaasni shira finxaaleeyyii fashaleessuuf guyyaa tokkotti eeruu kuma 2 ol laateera – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Hawaasni shira finxaaleeyyii fashaleessuuf guyya tokkotti eeruu kuma 2 ol laachuu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
 
Aadde Adaanach dhimmoota haala yeroorratti ibsa laataniiru.
 
Tarkaanfiin mootummaan federaalaa garaa finxaaleeyyii irratti fudhataa jiru ergama olaantummaa seeraa kabachiisuu fi ummata baraaruuti jedhan aadde Adaanach Abeebee.
 
Hoggantoonni mootummaa fi ummata ganuun gochaa shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa turan 10 meeshaalee waraanaa seeraan alaa waliin too’amuu aadde Adaanach ibsaniiru.
 
Hawaasni magaalichaa gochaa badii garee finxaaleeyyii fashaleessuuf guyyaa tokkotti eeruuwwan kuma 2 ol laachuu himaniiru.
 
Haala yeroo daheeffachuun dhaabbilee daldalaa daballii gatii taasiisan, oomisha dhoksanii fi hojii seeraan alaa raawwatan 25 irratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.
 
Nageenya magaalichaa eegsiisuuf hawaasaa fi qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
 
Dhaabbileen mootummaa kenniinsa tajaajila idilee haalaan akka laataniif hojiin too’annoo fi hordoffii cimaan taasiifamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment