Hawaasni Oromoo biyya Awustiraaliyaa jiraatan injifannoo raayyaan ittisa biyyaa galmeessiseetti gammadun Sangoota Doolaara kuma 18 bitaan karaa bakka bu’oota isaanii gumaachan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) – Hawaasni Oromoo biyya Awustiraaliyaa jiraatan injifannoo raayyaan ittisa biyyaa galmeessiseetti gammadun Sangoota Doolaara kuma 18 bitaan karaa bakka bu’oota isaanii gumaachan.
Sirina wal harkaa fuudhuu kana irraatti kan argaman Abbaan Gadaa Arfan Qalloo Abbaa Gadaa Abduraazaq Ahimad humni badii fi gantuun ABUT miidhaa raayyaa ittisa biyyaarraan gahetti gadduu fi injifannoo galmeesiseetti gammaduun deeggeersi taasisan duudha Sirna Gadaa Oromoo kan bu’ureefateedha jedhan.
Bakka bu’an komiyuuntii Oromoota Awustiraaliyaa Dooktar Mahammed Abbaabulguu gumaachi taasisan kun aantummaa raayyaa ittisa biyyaaf qabnu ibsuuf jedhanii, deeggarsi kun hanga namoonni qe’eefi qabeenyaa isaanirraa buqqa’an bayyanatanitti kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Akka OBN gabaaseetti , Raayya Ittisa Biyya bakka bu’un Sangoota kanneen kan fuudhan birgaadeer jeneraal Alamsagad Wandawasn, gumaachi taasifame hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa fi seera kabachisuuf hojjetu kan onnachisuudha jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Comments (0)
Add Comment