Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC) – Odeeffannoowwan maddi isaanii hin mirkanoofne maqaa dhaabbilee fi hoggantoota mootummaa tokko tokkoon ta’e jedhamee sobaan tatamsa’aa jirurraa hawaasni of eeggachuu akka qabu hubachiifni laatameera.
Humnoonni badii hawaasa shororkeessuuf maqaa hoggantoota mootummaa fi dhaabbileen odeeffannoowwan sobaa tamsaasuu hojii guyyaa guyyaa taasiisuu ibsameera.
Hawaasni odeeffannoowwan maddi isaa hin mirkanoofnee fi sirrummaan isaa hin qulqulloofneerraa of qusachuu akka qabu Paartiin Badhaadhinaa hubachiiseera.
Odeeffannoon maqaa itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa duraanii Ministira Ministeera Nageenyaa yeroo ammaa obbo Binnaalf Andu’aaleemiin tatamsa’e kan sobaa ta’uu eeruun, obbo Binnaalf Andu’aaleem akkaawuntii dhuunfaa kan hin qabaanne ta’uu ibseera.
Hawaasni odeeffannoo akka kanaa maqaa hoggantoota fi dhaabbilee mootummaan tatamsa’urraa of qusachuu akka qabu paartichi ibseera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.