Hawaasni nageenya naannoo eeguuf xiyeeffannoon hojjechu qaba-obbo Ristuu

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Hawaasni nageenya naannoo eeguuf xiyeeffannoon hojjachuu akka qabu preezdaantiin naannoo kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw dubbataniiru.

Obbo Ristuu Yirdaaw ibsa har’a laataniin, ABUT wayita biyyatti hogganaa tureetti biyyattitti dhimmoota siyaasaa,diinagdeefi hawaassummaan rakkoon akka muudatuuf sababa ta’u ibsaniiru.

ABUT waamicha nagaa mootummaan dhiyeesse fudhachuu dhabuun biyyattitti idowwan garagaaratti nageenyi akka hin jiraanneef hokkorri akka umamuuf hojjata akka turan obbo Ristuun ibsaniiru.

Ityoophiyaa qofatti osoo hin taanee Afrikaanoota hundaaf gaachana kan ta’ee raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa qaqqabsisuu fi aadaa biyyatti diiguuf karaa qaxxamuuraan aangoo qabachuuf yaaduun ABUT tattaaffiin taasisaa jiru mootumman to’ataa jira jedhaniru.

Obbo Ristuu Yirdaaw, humnoonni badii nageenya biyyatti jeequuf sabaa fi saba walitti buusun hokkorri biyyattittti akka uumamu taasisuun hojii shororkeessummaa hojjachuun biyyattiin akka hin tasggabbofneef ajandaa uumuun socho’uu akka danda’aan yaada keessaa galchuun hawaasni nageenya naannoo isaa cimsee akka eeggatu yaadachisaniiru.

Biyyaa fi hawaasa haleellaarra eeguuf xiyyeefatamuu qaba kan jedhan obbo Ristuun, kanaaf ammoo caasaa nageenyaa fi hawaasni qindoominaan hojjachu qabu jedhaniiru.

Kutaa biyyattii garagaraatti haleellaa lammiileerraa qaqqabuu mootummaan akka balaleeffatuu obbo Ristuun ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf; FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment