Hawaasni Musliimaa magaalaa Shaashamannee jiraattoota aanaa Shaallaaf deeggarsa taasiisanHawaasni Musliimaa magaalaa Shaashamannee jiraattoota aanaa Shaallaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Hawaasni Musliimaa magaalaa Shaashamannee jiraattoota aanaa Shaallaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiisaniiru.

Jiraattoonni kunneen daakuu kuntaala 275 deeggarsa taasiisaniiru.

Rakkoon hawaasichaa hanga furamutti deeggarsa taasiisuu itti fufuuf waadaa galaniiru.

Itti aanaan Bulchaan godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolosaan, hawaasni Musliimaa deeggarsa kana taasiisan galateeffataniiru.

Hawaasa hongeen miidhaman kanneen haala itti fufiinsaan tumsuun danda’amurratti hawaasa siiviilii waliin mari’ataniiru.

Dhaabbileen siiviliis deeggarsa taasiisan cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment