Hawaasni Musiliimaa yeroo Sooma Ramadaanaa vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo gochuu qabu

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Hawaasni Musiliimaa yeroo Sooma Ramadaanaa vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo gochuu akka qaban Manni Maree Islaamummaa waliigalaa Ityoophiyaa yaadachiise.
 
Barreessaa olaanaan Mana marichaa Qaasiim Mahaammad Taajuddiin, Baatiin Ramadaanaa baatii walii yaaduu fi walgargaaruti jedhan.
 
Baatiin Ramadaanaa yeroo uumaarraa dhiifama itti kadhannu waan ta’eef hawaasni Musiliimaa hundi baga ittiin isin ga’e jedhaniiru.
 
Wayita kana hawaasni Musiliimaa gochoota dhibee koroonaaf nama saaxilanirraa fagaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Sababa weerara koroonaan Masjiidatti sagaduun dhorkamuu kan ibsan Qaasiim Mahaammad, iddoolee birootillee iddoo tokkotti walitti qabamuun sagaduun hafuu qaba jedhaniiru.
 
Hawaasa Musiliimaa ergaa darbe fudhachuun hojiirra oolachan galateeffataniiru.
 
Yaa ta’uutii iddoo tokko tokkotti gareen sagaduun muul’achaa jiru dhaabbachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Ajaje kana darbuun qaamni jama’aa raawwate seera Shariiyaa ala ta’uu isaa hubachuun ajajni kabajamuu akka qaba gaafataniiru.
 
Hawaasni Musiliimaa qajeelfamootaa fi ajaje ogeeyyii fayyaa fi mootummaan darban kabajuun dirqama isaanii ba’uu akka qaban Barreessaa olaanaan Mana marichaa ergaa dabarsaniiru.
 
Ministir deettaan Minsiteera Fayyaa aadde Saharala Abduullaahiimis gama isaaniin hawaasni Musiliimaa yeroo Sooma Ramadaanaa vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo barbaachisuuu gochuu qabu jedhaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment