Hawaasni miira yeroo hin qabnuun waamicha taasiifame fudhachuun duulaatti makamuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Hawaasni miira yeroo hin qabnuun waamicha taasiifame fudhachuun duula birmadummaatti makamuu akka qabu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa waamicha dhiyeesse.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaan Dooktar Laggasaa Tulluun haala waqtaawaarratti ibsa gaazeexeessitootaf laataniiru.
Karoora gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguu fi bittinneessuuf baafatee socho’aa jiru yeroo dhumaaf fashaleessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kutaaleen hawaasaa waamicha taasiifame fudhachuun naannoo jirutti galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu naannoo Amaaraatti murtoo kaleessa darbe bu’uura taasiisuun hidhattoonni hedduun gara giddugalaatti imalaa jiraachuu dubbataniiru.
Hawaasni naannolee biroo keessatti argamanis waamicha mootummaa fudhachuun gara adda waraanaatti imaluuf gurmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Deebiin ummanni waamicha taasiifameef laataa jiru kan dinqisiifamu ta’uu eeraniiru.
Gootichi Raayyaa Ittisaa ammas wareegama olaanaa kaffalaa jiraachuu himaniiru.
Lootee seentoonni garee shororkeessaa ABUT Dasee fi Kombolchaatti badii guddaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.
Garichi yeroo ammaa qabeenya mootummaa fi dhuunfaa saamaa fi barbadeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Gareen shororkeessaa kun qabeenya saame fe’atee akka hin baane hawaasni daandii cufuun sochii isaa daangessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatu ta’uu himaniiru.
Tokkummaa hawaasaa fi Raayyaa Ittisaa haphisuuf namoonni olola sobaa tatamsaasan gochicharraa akka of qusatan Dooktar Laggasaan hubachiisaniiru.
Tarkaanfiin qaamolee kanneenirratti fudhamuu eegaluu kaasaniiru.
Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo iddoolee tokko tokkotti ABUT dhufaa jira jechuun yaaliin gareen shororkeessaa shanee daandii cufuuf taasiisan hirmaannaa Raayyaa Ittisaa fi dargaggootaan fashalaa’uu eeraniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment