Hawaasni Maallaqa Virchu’aalaa kaffaltiif fayyadamuurraa akka of qusatu Bankiin Biyyaalessaa hubachiise

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Maallaqa  Virchu’aalaa kaffaltiif fayyadamuun gochaa beekamtiin hin laatamneef waan ta’eef hawaasni gocha seeraan alaa kanarraa akka of qusatu Bankiin Biyyaalessaa hubachiiseera.

Ramaddiin maallaqaa Ityoophiyaa Birrii ta’uu fi haala addaan Baankiin Biyyaalessaa yoo eeyyame malee kaffaltiin bittaa fi gurgurtaa adeemsifamu kamuu  Birriin ta’uu labsiin hundeeffama Baankii Biyyaalessaa 591/2000 ifatti kan kaa’u ta’uu Baankiin Biyyaalessaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen eereera.

Dabalataan, gochichaan beekkamtii Baankii Biyyaalessaan ala sochii maallaqaa olaanaa kan gaggeeffamuu fi keessumaa maallaqa  seeraan alaa miliksuuf haala mijataa kan uumuu ta’uu mirkaneessuu ibseera.

Gochi bittaa fi gurgurtaa maallaqa dijitaalaa /virchuwaalaa, bittaa fi gurgurtaa yookaan kaffaltiif fayyadamuun, gocha Baankii Biyyaalessaan beekkamtii hinqabne waan ta’eef, hawaasni gocha seeraan alaa kanarraa of qusachuu akka qabu baankichi hubachiiseera.

Qaamolee gocha kana raawwatanii argaman irratti baankichi tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu eeree, hawaasnis qaamolee gochaa akkanaarratti bobba’aan wayita argu Baankii Biyyaalessaa fi qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu waamicha dhiyeesseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment