Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Naannawaa Ayyaanni Cuuphaa kabajamutti kutaaleen hawaasaa keessummoota ayyaanichaa duudhaa Ityoophiyummaan akka keessummeessan Ministeerri Tuuriizimii waamicha dhiyeesse.
Misoomaa Tuuriizimii Ityoophiyaaf gahee olaanaa kan qabuu fi ambaa addunyaatti kan galmaa’e Ayyaana Cuuphaa Addunyaatri beeksisuuf, damee tuuriizimii laafee ture dadammaqsuu fi ayyaanicha haala addaan kabajuuf qophiin xumuramuu Ministeerichi beeksiseera.
Ayyaanni Cuuphaa Finfinnee dabalatee Baatuu, Goondarii fi Minjaar Irraanbuutiitti haalaa addaan kan kabajamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Naannawaa ayyaanichi kabajamutti keessummoonnin biyyootaa garaagaraa tuuristoonni waan hirmaataniif, hawaasni duudhaa Ityoophiyummaan keessummoota keessummeessuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.
Ayyaanichi kan nagaa, fayyaa, jaalalaa fi tokkummaa akka ta’u hawwii gaarii qabu ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.